FINFINNEE —
Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed har’a Booranatti argamuudhaan hawaasa hongeen miidhe waliin mari’achuun ibsamee jira.
Naannoo Oromiyaa godina Booranaa keessatti hongee mudhateen beeladaaleen qarshii biliyoona afurii ol kan baasan dhumuun isaanii ibsameera.
Waajjira qonnaa godina Booranaatti qindeessaan misooma qabeenya beeladaalee Dr. Qaasim Guyyoo VOAf akka ibsanitti, hanga ammaa lubbuu namaa irra miidhaan ga’e hin jiru.