ADAAMAA —
Rakkoo nageenyaa Beenishaangul Gumuzitti uumaameen namoonni hedduun baqatanii qehee fi qabeenya isaani irraa eega buqa'anii booda, kaneen karaa ittiin bahan dhabanii fi sababa adda addaan achitti hafan, nageenyaa isaaniif sodaa guddaa keessa akka jiranii fi gara itti gad-ba’an dhabuu irraa nyaata fi dhugaatii ka rakkataa jiran tahuu dubbatu.
Bulchiinsi mootumaa naannoo Beenishaangul Gumuz rakkoon jedhamu kun bakka tokko tokkotti akka mul’atu ibsee, kana furuuf hojiin hojjatamaa jiraa. Haala abdachisaa kanaan, kanneen qehee isaanitti deebi'an jiru – jedha. Muktaa Jamaal tu Adaamaa irraa gabaase. Gabaasaa guutuu caqasaa.