Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Namoomaa Naannoo Amaaraa Keessaa


Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021
Faayilii - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021

Namoonni dhiyeenya naannoo Amaaraa TPLFn to’atame keessaa dheessan rakkoo namoomaa keessa jiraachuu dubbatu. Kanneen godianaa Walloo kaabaa fi kibbaa irraa biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’an VOAf akka ibsanitti guyyaa guyyaa dhaan sababaa beelaan namoonni du’aa jiran.

Namoonnis guyyaa guyyaatti awwaalamu, maatiiwwanis guyyaa guyyaatti firoottan duraa du’aniif gaddaa jiran jechuu dhaan kanneen Walloo kibbaa magaalaa Hayiq irraa buqqa’an dubbataniiru.

Hoogganaan waajjira ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Amaaraa Zelaamem Lijaalem sabaa himaa naannoof akka ibsanitti lakkoobsi namoota qe’ee irraa buqqa’anii miliyoona lama darbee jira jechuun Aster Misgaanaaw gabaasteetti.

XS
SM
MD
LG