Barattoonni bara kana qormaata biyyoolessaa darbanii yunversiitiiwwanitti ramadaman amma jalqaba ji’a Amajjiitti manneen barumsaa isaaniitti simatamanii barumsa akka jalqaban qajeelfamni baheera.
Barattoonni kumni 23 fi 71 bakki itti ramadaman akka jijjiirramuuf iyyannoo galfatanii san keessaa barattoota kuma tokkoo fi 891 deebiin kennamuu Minsitrii Saayinsii fi Dhabbilee Barnootaa a Ol’aanaa Itoophiyaa maxxansa Caamsaa 21 2021 karaa Feesbuukii gadhiiseen beeksiseera.
Karaa biraatiin, Itoophiyaan filannoo biyyoolessatti yeroo deemaa jirtu fi dhimmi nageenyaa biyyattii - keesumattu bakkawwan yunvarsiitiiwwan tokko tokko jiran naannoo walitti bu’iinsi keessa jiru ta’uudhan wal qabatee- barattoonni garasan deemuu irrati maamii keessa akka seenan godhuutu mullata.
Barattoota laman dubbisnee, caqasaa