Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo Muummicha Ministeeraa Haaraa Muudan 


Prezidaantii Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo , Feliix Tishisekedii
Prezidaantii Ripaablikii Dimokraatawaa Koongoo , Feliix Tishisekedii

Nageenyii lammiiwwan biyyattii kan isaan dursa kennaniif keessaa ta’u kan haaraa filataman muummicha mministeeraa Ripaablikii dimokraatawaa Koongoo beeksisan.

Sama Lukonde Kiyengee prezidaanti Feliix Tishisekedii har’a erga moggaafamanii booda akka jedhanitti nageenyi, keessumaa Koongoo gama bahaa fi konyaa Kataangaa kan dursi kennamuuf keessaa ti jedhan.

Mootummaan dubartootaa fi dargaggoota ofitti haammata jechuun illee dubbataniiru. Samaa Lukoondee taayitaa haaraa kanaaf utuu hin moggaafamin dura kampanii albuudaa, isa duras hoogganaa dargagootaa fi ministrii spoortii turan.

Filannooo itti amantaa dhabuun kan baatii darbe aangoo irraa kaafamanii fi michuu prezidaantii duraanii Jooseef Kaabilaa kan turan Siylivestiree Iluungaa Iluunkaambaa bakka bu’an.

XS
SM
MD
LG