Dr. Naafyaad Geetuu Yunvarsiitii Haramayaatti barsiisaa, hoospitaala magala Harar keessa jiru, Hiyiwoot Faanatti oggummaa fayyaatiin tajaajilaa, madditti immoo waltajjii adda addaa uumee waayee fayyaa hawaasa barsiisaa jira.
“Saayinsiin Fayyaa mataasaatin Aartiidha,” an jedhu Dr. Naafyaad, “Afaan Keenyan Fayyaa keenyaaf” dhaadannaa jedhuun fayyaa laalchisee mata duree baayyee irratti odeeffannoo dhiheessa.
Fuulli Fasbuukii Dr. Naafyaad Geetuu qofti, ji’atti namoota miliyoona 2.1 biraan odeeffannoo fayyaarratti xiyyeeffate akka gahaa jiru an ibsu Dr. Naafyaad, karaa interneeti- Feesbuukii, Yuutiwubtiif Teelegraamii, - warra maxxansa dubbisuu filataniifis torbanitti gaafa atokko karaa gaazexaa Barriisaa bira gaha. Kitaaba "Fayyaa Faaya" jedhus maxxansiisera.
Keessummaa Labata, Dr. Naafyaad wajjin marii goone dhaggeeffadhaa.