Amerikaan pirezidaantii filachuutti jirti.Filannoon gahuuf guyyooon tokkoon duratti nama haga miliyoona 100ti filate.
Tiraampii fi itti aanaan Pirezidaanti Obaama ka durii,Joe Bideniti waldorgomuutti jira.Rippaabilikaanii fi Demokiraati.Warrii dorgomu haga eda halakaniittu duuluma filannoo irra oolee bule.
Biden kalee Ohio,Pensylvania keessa oolee akka bahanii fialtan dhaamate. “Amma saatii namii ka’uu male.Amma saatiin dimokiraasii teenna deebifannu.Hin dandeennaa,tana caalaayyuu tolchuu dandeenna.”
Haga kaleetti Baayidenitti harka 4n Tiraampi dura jira jedha dhaabii filannoo tohatu Real Clar Politicis jedhetti.Ganna afuriin duratti Tiramaitti duubumaa dhufee kutaa tana moo’e.
Pirezidaanti Tiraampillee sanbata dabre nama hedduu baafatetti Filorida keessa oole.Filooridaan lafa bakka buutota ummatii filalee(Elelctoral voters) pirezidaanti filattu hedduu qabdu.
Godinii cuftii akka kanaan qabxii wal irra qaba.Nama bakka buutotii 270 filatanitti pirezidaantummaa dabra.Tiraampi Filooridyaatti nama hedduu baafate.
"Gumii hagana geettu argachuu hin dandahan.Namii hedduu akkanaa argatu tokkooyyuu hin jiru.Maaf akkana nama arganne seentan? Jabeenna Amerikaa ammallee deebisnaafi akkana,”jedhe
Pirezidaanti Tiraampi kalee Pensilveeniyaa,North Carolina, Michigan, fi Wisconsin keessa oole.
Ganna afuriin duratti isatti moo’ate barana ykn isaa cittii ykn Baaydenii galati. Baayden,pirezidaanti Tiraampi Kornaa dabalaa deemuutti jiru Amerika irraa dhowwuu hin dandeenne jedhetti laafinna isaa jedhee himata.
“Doonaldi Tiraampi alaabaa adii itti argufetti vaayireessii kanatti harka kennate.Itti gaafamtaaan hojjacttoota isaatuu torbaan dabre keessa kanuma jedhe.Yaayyuu dadhabnee, womaa tolchuu hin dandeennu jedhee,”jedhe.
Tiraampi ammo mala jireenna Amerika adoo koronaan hin dhufin guddatee jedheen dhaadata.
Akka jecha isaatti Baayden yoo moo’e gibira guddise hujiin baddi.”Warshaa keessan cufsiisa,hujii teessan biyya alaatti erga.Haga dhalateyyuu tanuma hujiin isaatuu,”jedhe.
Akka warrii qorate jedhetti haga kaleetti paartii Demokiraatitti Rippaabilikaan caalee dura jira.Rippaabilikaan ammoo hardha nama hedduu argannaan dubbiin hin jijjiiramti.
Abbaa moohu hardhua waan himan hin fakkaattu;kaardii poostaan dhufte ta lakkahnii fixuu,dadhabuu fa dandahan.Manii murtiillee falamaa filannoo Amerikaa tanatti seenee dubbii muruu hin oolu.
B