Dhaabbata mootummoota gamtoomaaniti jarmiyaan baruumsaa, sayinsii fi aadaa, 'UNESCO'n kamisa kaleesaa akka beeksisetti, heerii fi seerri saba Iisaa akka Haambaalee kiliyaatti akka beekamtii argatu taasifamee jira. Aadaan Saba Iisaa inni “Heer Isee” jedhamee beekamu, lammilee saba Iisaa Ityoophiyaa, Jibutii fi Somaaliyaa keessa jiraatan birratti wagga dheeraadhaaf kan itti fayyadamama turameedha.
Akka ibsii 'UNESCO' kun jedhetti, seerii Iisaa heera Siyyaasaa, seera adabbii, seera naamuusa hawaasummaa kan of keessa qabuudhaa. Seerichii hawaasa Iisaa fi sabaawwan biroo gidduutti nageenyaa buusuudhaaf kan fayyaduu yemmuu ta’u, dudhaa fi seera bu’uuraa kan addunyaan ittin buluu wajjin akkataa wal simatuun, mirga dubartootaa fi ijoollewwanii, eegumsa naannoo, waldhabdee karaa nagaatiin hiikuu fi wal gargaarsaf waan bakka guddaa kennuudha.
Heerri saba Iisaa, mammaksaan, taphaan, walaloodhaan, sirna eebbatiin, akkasumas baruumsa hammayyaatiin , marii sabaatiin, maxxansaa fi karaa midiyaa elektrooniksin daddabarsamuu kan danda’u ta’uu isaa ibsii 'UNESCO' kun beeksissra.
Heera aadaa Gaanfa Afrikaa keessatti akka eeyumaa dhuunfaa fi walootti beekamu kun, hiika waldhabdee, nageenyaa, tumsaa fi amala naamuusaa jajjabeesuudhaan walqixumaa hawaasaa fi bulchiinsa garii kan umuu danda’u waan ta’eef, akka qabiyee adduunyaatti beekumtiin kennameefi galmeesuun akka barbaachise ibsii 'UNESCO' kun eerun isaa beekameera.
Forum