Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Baatiilee Ja'aaf Akka Turu Ministriin ittisaa Beeksisan


Siiraaj Fageessaa
Siiraaj Fageessaa

Guyyaa har'aa ibsa tuuta oduuf kennameen labsiin sun guyyoota 15 keessatti mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyaatee erga raggaasisamee booda baatilee itti aanan ja'aaf akka turu beekameera. Labsiin sun kutaalee mara keessatti hojii irra akka oolu illee ministrichi dubbataniiru.

Ibsi gaazexeessotaaf kenname "Ibsa mana maree nageenya biyyoolessaa irraa" kenname yoo jedhu ibsa sana kan kennan ministeera ittisaa fi itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Siiraaj Fageessaa ti. Labsicha hojii irra oolchuuf illee waaltaan ajajaa ykn komaandi poostii haaraan kan hundeeffamu ta'uu ibsaniiru.

Akka labsichaatti waantota dhorkaman illee tarreessaniiru. "Jeeqamaa kamiinuu geggeessuu dhaan uummata gidduutti shakkiif wal dhibdee kan uumu sochii ifattis ta'e dhoksaatti geggeessuu, barruulee qopheessuu dhaan maxxansiisanii raabsuu, agarsiisa qopheessuu, mallattoo dhaan mormii agarsiisuu ykn mala ka biroo dhaan uummatatti ifaa taasisuu dhorka" jedhan.

Komaandi Poostiin haaraa dhaabatu barbaachisaa ta'uu isaa yoo amane sabaa himaan kami iyyuu akka cufamu ykn akka addaan citu gochuu danda'a. Hiriira nagaa geggeessuu, qindeessuu fi garee dhaan ta'anii socho'uu dhorka jedhan hoogganaan Komaand Poostichaa obbo Siraaj Fageessaa.

Itti dabaluu dhaanis yakki hojjetameera jedhee yoo amane yeroo isa kamiinuu ajaja mana murtiin ala sakatta'uu, dhaabsisee sakatta'a geggeessuu danda'a jedhameera.

Obbo Siiraaj ibsa sana booda gaazexeessota biraa gaaffii dhiyaate kan simatan yoo ta'u gaaffii fi deebii sanaan haalli itti mootummaan fonqolchamuu danda'u hin jiru jedhan.

Qaamotii mootummaan ce'umsaa akka hundaa'u gaafatan ilaalchisee gaaffii dhiyaateef "mootummaan amma aangoo of harkaa qabu uummataan kan filatame waan ta'eef mootummaa ce'umsaa hundeessuun hin barbaachisu" jedhan.

Boordiin qoratu akka hundeeffamu, yeroon uggura sa'aas akka murtaa'u ibsanii "Bal'inni labsichaa qajeelfamaan ba'a" jedhan.
Labsicha irra deebi'uun dheeressuun yoo barbaachise paarlaamaan haala isaa gamaaggamee baatilee afur itti dabalaaf dheeressuu akka danda'u illee beeksisaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG