WAASHINGITAN, DIISII —
Biyya Ripuublikii Somaaliyaa – Somaaliilaand keessatti, haala Awwadaay keessatti uumameen wal-qabtee Roobii dabre kana, dhalattoonni Oromoo lama ajjeefamuun gabaasamee jira. Oromoonni achi jiraatanis, gochaa haaloo-bahuu fakkaatu kanaan, nagaa isaaniif sodaachuu himatanii, gama lamaanuu akka gochaa kana dhaaban iyyataa jiran.
Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa