Rakkoon godina Booranaa waan keessaa ture. Akka warrii lafaa jedhutti godina kana waan hedduutti rakkisuutti jira.
Gama barumsaatiin godinii nama miliyona tokko caalaa keessa jira jedhan kanatti yuniversitii fi koolleejii maqaa isaatiin yaaman godina ufii keessaa hin qabu.
Wannii dhibiin godina kanatti rakkoo tahe waraana.Mooyyale keessatti akka bulchiinsaa fi warrii lafaa jedhutti guyyuma guyyaan ykn ammoo torbaanumaan warrii naannoo Somaalee Mooyyale keessaa nama qabee naannoo ufii keessatti hidhataa,kaan hin ijjeesanii,ka asi cophxee dhabanilleen hedduu, makiinaa Oromiyhaa dhufu hin caaccabsan.
Hardhallee nama Oromoo lama Mooyyale keessaa warrii naannoo Somaalee fuudhee baduniif adoo baqatuunii qeerroon Mooyyalee nama ufii irratti reebdee walti baafatan.
Nama sun gadi dhiisisuu fi gadi dhiisuun dhowwuu irratti dhakaan wal hadhan. Tana irratti akka jaarrolee fi bulchiinsaa magaalaa Mooyyalee jedhutti Oromiyaa irraa nama sadii madeessan.
Aabba Baggajjaa Galgaloo,bulchaa aanaa Mooyyaleeti.“Hardhallee nama keenna tokko nurraa fuudhanii deemuuniittin jiran ijoolleen qeerroo ta lafa eeddu irratti reebdee irraa buusuu fi buusuu diduu irrati dhagaachaan wal hadhan. Raayyaan ittisa biyyaa gama keennatti tokkosee nama nurraa madeesse.”
Nama jarii naannoo Somaaleetii fuudheen badeen kun tokko irraa buusanii tokko irraa hin buufne ya fudhtanii badeen.Nama hedduu akkanaan asi cophxee isaanii dhabanitti jiraa jedha aabba Galgaloo Baggajjaa.
“Guyyuma guyyaan makiinaa keenna dhakaan caaccabsan,guyyuma guyyaan, nama keenna nurraa ukkaamsan,ijjeesan ganna 27 cufaa akkanuma,” jedha bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Galgaloo Baggajjaa.
Warrii sadeen hardha madaahe kun lama rasaasatti madeesse tokko ammoo dhagaan madeessaan.
Warra Raayyaan Ittisa biyyaa madeesse keessaa tokko Biqilaa Fiqaaduu Rafeeraati kaan ammatti maqaa hin beenne.
Rakkoo tana himachuuf warrii lafaalleen gara gara kaambii waraana Mooyyalee yaa’ee himatee waraanillee nama madeesse sun waan beekaniif bori akka ummatii fuulaa laalee beekee addaan baasu gaafate.
Jaarrolee fi bulchiinsii Mooyyalee rakkoo akkanaa tana oli iyyachaa dhandhee ufi jibbaanne jedha.
“Waraana Mooyyaletti akkana namii dhumate ka lafa Oromoo irratti seera malee mana jaaraniin duratti qaamii mootummaa ka bulchiinsaa fi jaarsii biyyaalleen keessa jiru haga muummicha minsiteraa yaanee muummicha ministeraatuu dubbimnee marroo 4-5 himannee dadhabne,”jedha abbaa Galgalo.
Tana maleellee fulaa hedduutti himatan.“Waan kana fulaa itti hin iyaytanin qamnu.Haga naannoo haga Oromiyaa haga federeshinii fulaa itti hin iyyatin hin qamnu.Furmaatii garsii nuu dhufu hin jiru,’ jedha.
Mooyyale akka bulchiinsaa aanaa Mooyyalee jedhutti lakkoofsa beekaa diqqeessuuf akka henna bara 1997 keesatti kuma 30 haa jedhanii malee nama 400 fi kuma 70 caalutti jiraata.