Kan waraanaan bututte Sudaan keessatti mootummaa lama wal maddii jiraatu labsamuun isaa biyyattii, kan durumaanuuu jeeqamsa gara waggaa lamaa ta’een mancaate, addaan qooduuf balaa qaba jechuun Gamtaan Afriikaa Roobii har’aa beeksisee jira.
Waldhabdeen Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) fi waraana idilee kan Sudaan gidduutti uumame, namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman du'uu fi namoota miliyoona 12 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'uuf sababaa ta’e Kunis Tokkummaan Mootummootaa 'rakkoo namoomaa ardii Afrikaa irratti kanaan dura argamee hin beeknee dha jechuun ibseera.
Waraanni kun jalqaba irratti waliigaltee dhabuu RSF waraana keessatti makamuu irraa kan ka’e yoo ta’u, amma waraanni kun Sudaan bahaa fi kaabaa to’achaa kan jiru yoo ta’u, RSF ammoo lixa Daarfuur hunda jechuun ni danda’ama, kutaalee kibbaas dhuunfatee jira.
RSF fi michoonni isaa ji'a darbe Naayiroobii keessatti “chaartara hundeeffamaaa" mootummaa lama wal maddii adeemsisu mallatteessaniiru.
Roobii har’aa Gamtaan Afriikaaibsa ibsa kenneen tarkaanfii kana akka balaaleffatuu fi 'tarkaanfiin akkanaa biyyattii kan addaan qooduuf balaa guddaa akka qabu akeekkachiiseera.
Namoonni galmee kana mallatteessan,kan AFPn mirkaneefate, naannoo finciltootaan to'ataman keessatti mootummaa nagaa fi tokkummaa uumuuf yaadaa qabu.
Akkasumas mootummaa aadaa, sabummaa, amantii fi naannoottii walaba ta’e kan walabummaa tokkummaa fi haqa irraatti hundaa’e mootummaa dimokraatawaa dhaabuuf waadaa seenan. Jalqaba baatii Bitootessaa keessa RSF fi michoonni isaa ammas Naayiroobii keessatti “Heera yeroo Ce'umsaa" mallatteessaniiru.
Gamtaan Afriikaa biyyoonni miseensota isaa ta’an akkasumas hawaasini addunyaa qabiyyee Rippaablikii Sudaan ykn waaltaalee isaa addaan qooduu fi akkasumas bulchuuf kaayyoo kan qabu mootummaa wal maddiitti dhaabate kamiifuu beekkannaa akka hin kennine waamicha dhiyeessee jira.
Gamtaan Afriikaa kan Motummaa wal maddiitti dhaabate jedhame kan Reppaablikii Sudaan keessaaf beekkannaa akka hin kennine beeksiseera.
Kibxata kaleessaa gamtaan Awrooppaa ibsa baaseen akka jedhetti mootummaan wal maddii hundeeffamu fedhii Sudaan dimokraasiif qabdu balaa irra buusa jechuu dhaan ibsa golli naga eegumsaa torban darbe baase irra deebi’ee jira.
Forum