Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Keessatti Dhukaasinii Cimaan Taasifamaa Turuun Gabaasame


Kamisaa kaleesaa galgala magaala guddichaa Sudaan Kibbaa, Jubbaa keessa dhukaasinii akka ture kan gabaasee Maddii Oduu Rooyiters, dhukaasichii kan jalaqabee yemmuu umnoottan nageenyaa mootummaa Sudaan Kibbaa itti gaafatamaa dhimma nageenya mootumma biyyatti duraanii too’annoo jala oolchuudhaaf yaalan akka ta’e ibseera.

Biyyii Sudaan Kibbaa bara 2011 ergaa Sudaan irraa walaba taatee kaasee tajaajila umnaa tikaa biyyatti kan hogganaa turan Akool Koor Kuuk prezidaantii biyyatti Saalvaa Kiiriin kan aangoo irraa kaafaman jalqaba ji’a Onkoloolesaa keessa akka ta’e beekamera. Dhukaasichii kan raawwtamee yalii itti gaafatmaa dhimmaa tikaa duraanii qabuudhaaf taasifameen akka ta’a kan ibsee dhaabanii mootumootaa gamtoomanii, hojjatoonni isaa magaala Jubbaa keessa jiran, akka manaa hin baanee akeekkachiisa kennuu isaa Rooyiters gabaaseera.

Dubbii himaan waraana Sudaan kibbaa Meejeer Jeeneraal Luul Ru’ay Ko’aang ibsaa jimaata har’aa oduu gabaastotaaf kennaniin Akool Kuur akka hin qabamneefi mana isaanii keessa akka jiran ibsaniiru. Dubbii himaan waraana Sudaan kibbaa akka sagalee Amerikaati himanitti dhuukaasichii kan raawwatee wal hubannoo dhabuu umna nageenyaa mootummaa fi eegdoota hogganaa dhimma tikaa duraanii giduutti umameeni.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti, aangoo irraa kaafamuun hogganaa dhimmaa tikaa, waldhabdee taayitaa hogantootaa mootummaa olaanoo gidduutti muudate irraa kan ka’eedha. Aangoo irraa kaafamuun Akool Koor kan raawwatee erga mootummaan ce’umsaa prezidaanti biyyatti Saalvaa Kiiriin durfamuu filannoon biyyaalesaa ji’a Muddee keessa taasifamuuf karoorfamee yeroo lammaffaa dhaaf akka dabarsamuu murteessee torban tokko boodaa akka ta’e gabaasameera.

Gareen Prezidaant Salvaa krii fi itti anaa Prezidaanti Riik Maachaar bara 2013 kaasee amma 2018 ergaa wal lolaa turaanii booda waligaltee taasifameen lamman isaanii mootummaa ce’uumsaa hogganaa akka jiran ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG