Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Taayyeen Mirga Wabiin Utuu Mana Amala Sirreessaa Baafaman Butaman


FAAYILII - Taayyee Danda'aa
FAAYILII - Taayyee Danda'aa

Haati Manaa Obbo Taayyee Danda’aa har’a kan Wixata darbe Dhaddachi Mana Murtii Walii Galaa Federaalaa mirga wabii akka argatan murteesse utuu Qilinxoo hin bahin ammas humnoota hin beekamneen to’annaa jela oolfamuu himan.

Aadde Sintaayyoon, xalayaan wabii bahiinsa Obbo Taayyeef mana murtiif kaleessa waaree booda akka dhaqqabee fi xalayaan gahes dogongora lakkoofsaa qaba jedhamee deebifamuu ibsanii, xalayaa mirga wabii jedhan harra waaree booda yoo Mana Amala Sirreessaa Qilinxoo geessuu ibsan. Sana boodas, Achuma Afaan mana amala Sirreessaa san miseensota poolisii federaalaa hidhata qaban waliin namootni uffata siiviilii uffatanii fuula isaanii maaskii uffatan turan jedhan. Humnootni kunis akka namni balbala sanitti hin dhiyaanne dhowwaa akka turan ibsanii, battaluma inni gadi baheen fuudhanii deemuu VOA’f himan.

Aadde Sintaayyoon, namoota kanaan adaraa seeraa nama seerri mirga wabii eegeef kan eessa geessitu jennee gaafannus, deebii nuuf hin kennine jechaan himan. Ammas humni Obbo Taayyee fuudhee deeme jedhan,

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG