Dhalattoota Tigiraay kanneen tajaajila Paaspoortii barbaadanirratti dhaabbanni Immigireeshinii Itiphiyaa sarbama mirgaa irratti raawwateera jechuun dhaabni mirgaaf falmu tokko gabaasa baase. Dhaabbanni mirgaaf falmu Hiyuumaan Faristi jedhamuun beekamu Tajaajilli Immigireeshinii Itiyoophiyaa dhalttoota Tigiraay kanneen tajaajila Paaspoortii gaafatan irratti mirga walqixxummaa fi mirga bislisaan bakkaa bakkatti socho’uu kan heera biyyattiin kennameef sarbu irratti taasiiseera jedhe.
Dhaabbatichi gabaasa torbaan kana keeessa baaseen namoota 20 naannoo Tigiraay irraa dhufan akkasumas dhalattoota Tigiraay kanneen Finfinnee keessa jiraataniif gaaffii taasiseen lammiileen kunneen tajaajila Paaspoortii argachuuf rakkachaa turan jedheera.
Itti aanaa Hoogganaa dhaaba Hiyuumaan Raayitis Faristi kan ta’an Obbo Mebirihii Birhaanee akka ibsanitti yeroo waraanni Kaaba Itiyoophiyaa keessa ture namni hojjetaa mootummaa federaalaa ta’ee fi dhalataa Tigiraay Paaspoortii baafachuuf wayita gara tajaaiila Immigireesdhinii Itiyoophiyaa deemetti ati lammii Eritiriyaati paas poortiin Itiyoophiyaa siif hin kennamu jedhamuu nuuf ibseera jedhan.
Akkasumas namni biraan waggoota 33 oliif magaalaa Finfinnee keessa jiraataniiranii fi dhalataa Tigiraay kan ta’an Paaspoortii baafachuuf wayita ara tajaajila Immigireeshinii Itiyoophiyaa deeman warqaa eenyummaa maatii isaanii lubbuun hin jirre akkan dhiyyeessu gaafatameera jedhaniiru. Namni biraan kan umriin isaanii wagga 70 fi waggoota 40 ‘f magaalaa Finfinnee keessa jiraataniiran biyya Ingilaanditti kan argaman mucaa isaanii dubbisuuf imaluuf jecha Paaspoortii baafachuuf yommuu deemanitti waraqaa eenyuummaa maatii isaanii gaafatamuu dhaaba kanaaf ibsuu obbo Mabirihiin ibsanii dhalattoonni Tigiraay tajaajila Paaspoortii argachuuf waraqaan isaan gaafataman seeraan ala jedhaniiru.
Tajaajila Immigireeshinii Itiyoophiyaatti hooggnaan keenniinsa Paaspoortii Obbo Adaanee Debbebee dhimma kanarratti gaafatamanii Dhalattoota Tigiraay irratti loogiin addatti raawwatamu hin jiru jedhanii garuummoo biyya ollaa waliin aadaa fi afaan wal fakkataa wan qabuuf namoota tajaajilicha gaafataniif waraqaawwan akka dhiyyeessan gaafatamuun dhugaadha jedhanii kunimmoo hojimaata waggoota 13 darbaniif manni hojichaa hordofaa turedha jechuun Sagalee Ameerikaatti himaniiru jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase.
Forum