Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaalen Yunaayitid Isteetis Talaallii Vaayrasii Koronaa Sadaasa Tokko Rabsuufi Akka Qophahan Itti Himame


Waaltaaleen To’annaa fi Ittisa Dhukkubootaa, kan Yunaayitid Isteetis, aangawoonni eegumsa fayyaa kutaalee Yunaayitid Isteetis shantammanii fi magaalaalee Yunaayitid Isteetis guguddoo hedduu keessa jiran, gaafa filannoon prezidaantummaa biyyattii keessatti geggeessamu guyyaa lama dursanii – jechuun Sadaasa tokko bara 2020, talaalii vaayirasii Koronaa raabsuuf akka qophaawan qajeelfama kennuu isaa mirkaneessee jira.

Waaltichi CDC jedhamu, qajeelfama fuula afur qabu, gaafa Hagayya digdamii toorbaa waajiraalee eegumsa fayyaatti dabarsuu isaa ka dura gabaase, Madda oduu Mik-Kaartii yoo tahu, talaalii Koovid 19 hanga danda’ametti dafanii raabsuuf karoora jiru wajjiin akka wal-simatutti waajiraaleen fayyaa hanga Onkoloolessa tokkootti akka karoora tallaalii wixinanii xumuran ka jedhu qajeelfamichi.

Akka qajeelfamicha keessatti ibsametti, tallaalii haaraa kana fudhachuuf, kan carraan duraa kennamuuf ogeeyyii eegumsa fayyaa, tajaajltoota fayyaa waaltaalee kunuumsa yeroo dheeraa fi hojjetoota barbaachisoo kanneen biroo, akkasumas, hojjetoota tika nagaa biyyaa akka tahu beekamee jira.

Gaazexaan 'New YorkaTimes' akka jedhutti, maanguddoota umuriin isaanii jaatamii shanii ol taheef, lammiiwwan sanyii fi gosawwan sab-xiqqaaleef, akkasumas lammiwwan Ameerikaanota abbaa-biyyaa yokaan Natiiv Ameerikaans fi namoota mana hidhaa jiraniif carraa duraa tu kennama.

XS
SM
MD
LG