Doonaald Traamp filannoo pirezidaantii Yunaaytid Isteets torban kanaa irratti kutaa Arizoonaa injifachuun, networkiin TV Biyyattii Sambata Xinnaa kaleessaa tilmaamuun, Rippabilikaaniin swiingi steet torban - kutaalee morkattoota lamaaniif filannoo waligalaa moohudaa murteessaa ta’an -hunda irra aanee moohuudhan xumurame.
Pirezidaantiin aangoo gadhiisuuf jiran Joo Baayiden bara 2020 Arizoonaa keessatti injifannoo dhiphaa garuu murteessaa ta’e galmeessisuun Traamp pirezdaantii marsaa tokkooo qofa akka ta’an godhee ture.
Bal’inni fi ciminni Traamp deebi’anii amma ittiin mohaan, abbaan qabeenyaa beekkamaan kun sagalee ummataa kutaa hundaa sagalee miliyoona 4n injifachuus agarsiisee, kunimmoo, karaa Paartii Dimookiraatotaa rifaaatuu guddaa uumera.
Ripablikaanonnii Seeneetii biyyatttii sagalee caalaa argachuun to’ataniiru, mana marees mo’achuun isaanii akka in olleetu tilmammamaa jira.
Oduu gammachiisaan an biraan, Tiraapiif- masaraa mootummaa biyyattii, waayti hawusirraa dhagahame. Pirezdaantiin amma angoorra jiran Baayiden, Roobii dhufu kana Traamp waayitit hawusitti afeeraniiru. Traamp bara 2020 injifatamaniis takka mo’aameera jedhanii in beekan. Afeerraa akkanaa aadaa siyaasa biyaati ta’e kanallee baydeeniif in odoo in godhin hafan.
Filannoo Sadaasa 5 moohun Tiraamp Ameerikaan oggoota 1o fi sanii ol dhufaniif siyaasa warra mirgaa jedhamu warra leelisuun to’atamuuf deemuu agariisa.
Forum