Kan prezidaantumaa Yunaayitid Isteetisiif filataman Doonaald Tiraamp, bulchiinsa isaaniif muuduu kan barbaadan bakka bu’aa dhimma daldalaa Yunaayitid Isteetis akka ta’aniif ka filatan abukaatoo dhimma dinagdee sadarkaa addunyaa Jeemiisen Giriir dabalatee gorsitoota dhimma dinagdee beeksisan. Giriir bulchiinsa Tiraamp duraanii keessatti bakka bu’aa dhimma dinagdee fi hoji raawwacihisaa ol aanaa ta’anii kan hojjetan yoo ta’u, Tiraamp Kibxata kaleessaa akka jedhanitti Giriir Chaayinaa irra taarifa kaa’uu akkasumas Kaanadaa fi Meeksikoo waliin walii galtee daldalaa haaraa uumuu keessatti qooda ol aanaa qabaataniiru.
Tiraamp akka jedhanitti Keevin Haseet mana maree dinagdee biyyoolessaa kan Waayit Haawus akka hooggananiif filannoo isaanii ti. Haseet bulhiinsa Tiraamp duraanii keessatti mana maree gorsitoota dinagdee hoogganaa turan. Haseet itti gaafatama isaanii haaraa dhaan, bara 2017 keessa kan hojii irra oolan tuuta hir’isuu dilaalaa haaromsuu fi fooyyessuu akkasumas maatiiwwan Ameerikaa ennaa bulchiinsa Baayiden kan isaan mudate qaala’iinsa jireenyaa irraa akka dandammatan gargaaruuf gahee ol aanaa qabaatu jedhan Tiraamp.
Tiraamp Kibxata darbe ogeessa qajeelfama caasaa dinagdee kan damee fayyaa Dr. Jeey Batacharyaa kan institiyutii fayyaa biyyoolessaa akka hoogganan filatan dabalatee kaadhimamtoota dhimma fayyaan walqabateef muudan hedduu beeksisanii jiran. Batachaaryaan ennaa uggura sochii fi talaalliin COVID-19 dirqii ta’uu isaa akkaan qeeqaa turan. Tiraamp akka jedhanitti Batachaaryaan Roobert Eef Keenedii Juuniyer. kan ministrii fayaa fi tajaajila hawaasaa akka hooggananiif muudaman waliin hojjetu, qorannaa fayyummaa biyyattii hoogganuu akkasumas argamaawwan barbaachisoo fayyummaa fooyyessanii fi lubbuu baraaran ilaalchisee kallattii kaa’u jedhan.
Jee fi Aarefike waliin ta’uun, Rakkoo Dhukkubaa fi dhibee hamaa dabalatee, rakkoo fayyumaa Ameerikaa mudatee fi ittiin ka’umsa isaa akkasumas furmaata isaa qorachuu dhaan Institiyuutiin fayyummaa biyyoolessaa, 'NIH' gara waaltaa qorannaa fayyaa ajaa’ibaatti jijjiiru jedha Tiraamp. Kaadhimamaa biraa Kibxata darbe beeksisameen Tiraamp, angawaa ministrii fayyaa fi tajaajila hawaasaa kan HHS duraanii Jim Oniile itti aanaa ministra dhaabbatichaa ta’uun akka tajaajiluuf filatan.
Traamp akkasumas invastara dhuunfaa Joon Feelaan Ministra Humna Galaanaa ta’uun akka tajaajilaniif kaadhimuu isaanii beeksisaniiru
Forum