Pirezdaantiin Filataman Doonaald Tiraamp Wiixata har’a sirna hirbuu seenuu Waashingitan keessatti gaggeessaniin gara pirezidaantummaa Yunaaytid Isteetisti deebi’u. Kunis bara 1890mootaa as pirezidaantii jalqabaa marsaa walitti aansuun hin taaneeen tajaajilan isa jalqabaa isaan taasisa.
Tiraamp kan ganna 78 marsaa haaraa waggaa afuriif hirbuu seenuun Waayit Haawus fudhatan akkasumas prezidaant Joo Baayiden kan ganna 82 bulchiinsa marsaa tokko booda aangoo pirezidaantummaa gadhiisanii yeroo deeman lammiileen Ameerikaa miliyoonaan lakkaa’aman Ttelevijiiniin ni daawwaru jedhamee eegama.
Sirni hirbuu seenuu kun sababa haala qilleensaa qorraatiin kan hanqiifamee yoo ta’u, taatee idilee alaa namoonni 250,000 tikkeetii argatan dhiisanii namoonni gara 600 ta’an jijjiirama aangoo Kaapitool keessaa arguu danda’u.
Aadaa baratameen daandii Pennsalvaniyaa irraan Kaapitool irraa gara Waayit Haawusitti deemuun sababa haala qilleensaatiin haqamee jira.
“Har’a sa’aatii walakkeessa guyyaa kaasee waggoota dheeraa afur kufaatii Ameerikaa irratti golgaan cufama, guyyaa haaraa humnaa fi badhaadhina Ameerikaa jalqabna,” jedhan Tiraamp.
Forum