Tokkummaan Mootummootaa ajjeechaa hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatame hordofuu dhaan, gargaarsa nyaataa deddeebisuu dabalatee, hojii gargaarsaa naannoo Amaaraa keessaa dhaabuuf yaadaa akka jiru wixineen yaada Rooyitersiin dhaqqabee fi dippilomaatota lamaan mirkanaa’e ibsee jira.
Ji’oota jahan jalqabaa bara 2024 keessa hojjettoonni gargaarsaa shan ajjeefamaniiru, 10 miidhaan qaamaa irra ga’eera ykn 11 garee yakkamtoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamuu isaanii galmeen Hagayya bara 2024 ni mul’isa.
Galmeen fuula sadii qabu fi kan keessoo ta’e kun akka tuqetti Tokkummaan Mootummootaa yeroodhaaf hojii gargaarsaa naannicha keessaa dhaabuuf cimsee yaadaa jira jedha.
Dhaabbileen kan mootummaa hin ta’inii fi arjoomtonni hedduun tarkaanfii kana duraanuu mormaniiru jedhu maddeen sadii kanneen wixinee kana keessa beekan.
Hojiin gargaarsaa dhaabbachuun namoota naannoo Amaaraa keessaa lubbuun jiraachuuf gargaarsa nyaataa irratti hirkatan miliyoona 2.3 ol ta’an irratti dhiibbaa hamaa akka fidu saboonni arjoomtoota lamaa fi Dhaabbanni kan mootummaa hin ta’in kanneen hojii dhaabuu kana mormaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan Rooyitarsiif himaniiru.
Naannoo Amaaraa keessa ummanni miliyoona 36 ol akka jiraatu akkasumas baqattoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen lola biyya ollaa Sudaan keessai baqataniif bakka dahataa ti.
Wixineen yaadaa OCHAn barreeffamee kun gareelee arjoomtotaa, dhaabolii dhuunfaa fi ajensiiwwan Tokkummaa Mootummootaa dabalatee garee gargaarsa namoomaa damee Itiyoopiyaaf ergamee jira. OCHAn wixinee yaadaa kenname kanaaf deebii hin kennine. Dubbi himaan mootummaa Federaalaa Itiyoopiyaa, ministriin dhimma alaa fi angawoonni naannoo Amaaraa yaada Rooyitersiin gabaafame kanaaf deebii hin kennine.
Forum