Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Dinagdee Cufame Banuu Itti Fufanii Jiru


Dhukkuba Kooviid ittisuuf jecha ugguura ka'ame laaffisaa kan jiran Traamp gama kaaniin hojjattoota Waayiit Haawuus kanneen vaayrasii koronaan qabaman haala isaanii hordofaa jiru.

Yoo xiqqaate namnii lama kan qabamee yoo ta'u lameenuu prezidaantii fi itti aanaa isaanti dhiyeenya qabu jedhamee jira.

Gartuu vaayrasii Koronaa kana irratti hojjachuuf waayit Haawus gurmeessee keessaa namnii sadii of-eeggannaaf jecha adda of baasanii jiru.

Isaan kana keessaa took Dr. Antonii Faawuchi akka jiran ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG