Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Turkii Biyyi Isaanii Walii Galtee Lola Dhaabiinsa Gaazaa Gargaaruuf Qophii Ta'uu Beeksisan


FAAYILII - Prezidaantiin Turkii Xayyib Erdokaan, walgahii Hawaasa Siyaasa Awurooppaa irratti, Budaapest, Hangaarii, Sadaasa 7, 2024.
FAAYILII - Prezidaantiin Turkii Xayyib Erdokaan, walgahii Hawaasa Siyaasa Awurooppaa irratti, Budaapest, Hangaarii, Sadaasa 7, 2024.

Prezidaantiin Turkii Xayyib Erdogaan Roobii har’aa ibsa kennaniin Turkiin lola dhaabiinsa waariinsa qabu Gaazaa keessatti mala itti tolfamuu danda’un kan gargaartu ta’uu ibsuu dhaan, waliigaltee dhukaasa dhaabuu Libaanon keessatti hojiirra ooletti gammaduu isaanii ibsaniiru.

Haleellaa Israa’el Gaazaa fi Libaanon irratti raawwatte cimsitee kan qeeqxe Turkiiaan, kanaan dura garee hidhattoota Falasxiin Hamaas waliin Gaazaa keessatti araarri akka bu’u gochuu irratti mari’achuu ishee ibsuu dhaan, marii kana akkamitti akka itti fufu yaada garee kanaaf kenniteetti. Prezidaant Jooo Baayiden Kibxata dheengaddaa akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis Gaazaa keessatti lola dhaabinsi akka tolfamu irra deebi’uu dhaan Turkii, Masrii fi Qaataar akkaumas Israa’elii fi kanneen biroo waliin dhiibbaa gochuu itti fufti jedhan.

Yaada Baayiden kennan ilaalchisee angawoonni Turkii Rooyitersiif ibsa kennanin lola dhaabinsi Libaanon keessaa kan Gaazaa keessaa utuu hin tolfamin sabatiinsa naannoo fiduu hin danda’u jedhanii, Ankaraan walii galtee Gaazaa keessaa akkuma isa kana duraa gargaarte ammas qophii dha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG