Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turkiin Marii Marsaa Haaraa Somaaliyaa fi Itiyoopiyaatif, Dura Biyyoota Lameen Waliin Adda Addatti Dubbachuuf Akka Jirtu Ibsite


FAAYILII - Ministroota dhimma alaa Itoophiyaa, Turkii fi Somaaliyaa
FAAYILII - Ministroota dhimma alaa Itoophiyaa, Turkii fi Somaaliyaa

Turkiin Itiyoopiyaan Somaaliiland waliin walii galtee wal hubannoo ulaa galaanaa mallatteessite ilaalchisee falmii Somaaliyaa waliin jiru furuuf tattaaffii taasistuun adda addaan garee lamaan waliin wal arguuf karoorfattee ka jirtu ta’uu ministeerri dhimma alaa Turkii Hakaan Fidaan Kamisa har’aa beeksisaniiru.

Turkiin hanga ammaatti hariiroo biyyoota gaanfa Afriikaa lamaan bakkatti deebisuuf marii marsaa lamaa geggeessiteetti. Mariin marsaa sadaffaa kan duraan Ankraa keessatti geggeessamuuf ture hafee jira. Baatii Amajjii keessa ennaa Itiyoopiyaan liizii andaara galaanaa km 20 Somaaliiland irraa kireeffachuu dhaan biyya walabaa ta’uu ishee beekkannaa kennuuf walii galteetti ture hariiroon biyyoota lamaanii akkaan kan miidhame.

Moqadishoon walii galteen sun kan seeraan alaa ti jechuu dhaan Ambaasaaddera Itiyoopiyaa biyyattii dhaa baastee, loltoota Itiyoopiyaa kumaan laka’aman kanneen lootee seentota Islaamummaatti duuluu gargaaran biyyattii keessaa baasuun ijaa baate. Ministeerri dhimma alaa Turkii Fidaan dhaabbata oduu mootummaa Anaadoluuf akka himanitti, Turkiin sadarkaa ministeerotaa fi hoogganoota biyyaan Somaaliyaa fi Itiyoopiyaa waliin walitti dhufeenya jiru itti fuftee jirti jedhanii, qaamotii lamaan waliin hojjechuu dhaan furmaata argachuuf abdii akka qaban dubbachuu dhaan Ankraan qaama marii kanaa ta’uu ibsaniiru.

Kallattiin fuulaa fuulatti haasa'uu dhiisanii qunnamtii jiru itti fufanii gama walitti dhiheessuun wal-hubannoo uumuuf akka jiran Fidaan eeraniiru. Kaayyoon isaanii tartiibaan walitti dhufeenya ijaaruu fi dhuma irratti wal ta’iinsaaf bakka waloo barbaaduu ta’uu ibsaniiru, kunis sadarkaa jalqabaa marii kanaa irraa eegalee adeemsa barumsa argachuu ti jedhan. Ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa Alii Mohaammed Omer oduu kana mirkaneessaniiru. Karoorri jiru gara Ankraatti utuu hin imalin dura adda addaan Turkii waliin dubbachuu dha jedhan. Ankraa keessatti iyyuu mariin sun adda addaan ta’a jedhan Omar.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG