Komiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa galii tuurizimii walitti-fufinsa fi waarinsa qabu mirkaneessuuf daawwattoota biyya keessaaf xiyyeeffannaa duraa kennuun kan hojjetaa jiru tahuu beeksise.
Koomishinichi waaltaalee tuurizimii biyyattii adda baasee beeksisuu fi akka misooman haala miijessuun kan hojjetaa jiru tahuu, Koomishinichatti itti-aanaa koomishinaraa Abiyyi Tasammaa ibsanii jiru. Lakkobsi daawwattoota sadarkaa addunyaa sababaa KOVID fi tasgabbii-dhabinsa biyyattii keessatti uumameen, waggoota lamaan dabraniif hanqachuu isaa dubbatan.