Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ityoophiyaa Filannoo Torbana Kanaa Somaalilaand Keessatti Taasifame Kan Deggeru Tahuu Ibse


FAAYILII - Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Hargeessaa, Somaalilaand, Sadaasa 13, 2024.
FAAYILII - Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Hargeessaa, Somaalilaand, Sadaasa 13, 2024.

Ibsii ministeera dhimma alaa mootummaa Ityoophiya irraa jimaataa har’aa bahe, Somaalilaand Keessatti filaannoon naga qabeesaa fi dimokraatawaa ta’ee taasifamuu isaa beeksisee, komishiiniin filannoo Somaalilaand filannoo naga qabeessa ta’ee geggesuu isaatiif dinqisiifatee, adeemsichii bilichina hoggansaa Somaalilaandii fi cimina sirna demokraasii kutichaa kan agarsiisu akka ta’e eerera.

Walitti dhufeenyii Itiyoophiyaa fi kutaa Somaalilaand giduu jiru, waggootaniif cimaa kan turee yemmuu ta’u, wagga darbee immoo waligalteen fayyadamaa ulaa glaanaa gareewwan lamman giduutti malateeffame waltidhufeenyaa isaanii caalaatti jabeesuun isaa ni beekama. Waligalteen gareewwan lamman giduutii taasifamee birmadumaa daangaa biyyaa isaa kan sarbu ta’uu isaa ibsuudhaan mootummaan Somaaliyaa mormii kan dhiheesee yemmuu ta’u, mootummaan Ityoophiyaa fi bulchiinsi kutaan Somaalilaand ijjannoo mootummaa Somaaliyaa kana mormuudhaan waligaltee isaanii akka itti fufan ibsanii jiru.

Kaadhimamtoonni Prezidaantummaa Somaaliilaand fi Deggertoonni Isaanii Ba’ii Filannoo Eegamaa Jiru ka Simatan Tahuu Beeksisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:04 0:00

Ogeessa seeraa mirga namoomaa fi xiinxalaa kan ta’an Guuled Ahimad Jaamaa akka jedhanitti, filannoo Somaalilaand kana prezidaantiin yeroo amma anngoo irra jiran Musee Bihi Abdii yoo moo’an waligalteen Ityoophiyaa wajjin malateeffame hojii irraa akka oolu taasisuu jedhanii, mormitoonni garuu dhimmichaa irratti Ijannoo Isaanii Ibsuu Irraa Akka Of Qusatan Himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG