Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteets Somaaliya Keessatti Haleellaa Al-Shabaab Irratti Xiyyeeffate Geggeessite


Yunaayitid Isteets Kaleessa gara galgalaa Somaaliyaa gama Kibbaa keessatti haleellaa geggeessuu ishee, Waaltaan Ajaja Waraanaa Yunaayitid Isteets kan Afrikaa beeksisee jira.

Waaltaan “US AFRICA COMMAND” jedhamu, halellaan kun eenyutti akka xiyyeeffate ifatti hin dubbanne. Garuu, ba’iin haleellaa sanaa maala akka tahe akka qorataa jiru beeksise.

Gama biraatiin, maddeen naga-eegumsaa Somaaliyaa Kibbaa keessaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, haleellaan sun, kutaa Shebelee gara gadii, naannoo magaalaa Kunyoo Baaroootti, konkolaataa aangawoota Al-shabaab fe’attee deemtutti qiyyaafatee geggeessame.

Qondaalli naga-eegumsaa maqaan isaa hin himamne tokko ibsa Raasiyoo Sagalee Ameerikaaf kenneen, konkolaatittiinii fi qondaalonni Al-shabaab keessa turan guutummaatti barbaada’uu isaanii beeksisee jira.

Gareeleen Al-shabaab itti xiyyeeffatame sun, gurmuu qondaalotaa naannaa Puntlaand jiranii fi gaarota Galgalaa keessatti humnoota naannoo waraanaa jiran ta’uu illee ibsee jira.

XS
SM
MD
LG