Ajjeechaa fi hookara adda addaa dhuman torban dabree irra Buraayyuu fi Finfinnee keessatti raaw’atame ilaachisuun Koomishinarri Koomishina Poolisii Itiyoophiyaa, Zeeyinuu Jamaal, kaleessa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, ragaan haga ammaatti argame akka agarsiisutti, haleellaan sun dhaabota siyaasaa guguddoo ilaalcha siyaasaa addaan-fagoo qabanii fi karaa nagaa qabsaa’uuf dhiheenya biyya galan lamatti fakkeessuuf gochaa dursamee itti yaadamee qindeessame – jedhanii turan.
Hookkara kana Maanguddoonnii fi dargaggoonni akkamitti ilaalan? Akka uummatni tasgabbaa’uu fi nageenyi dursa argatu yaada maal qaban?
Dhimma kana irratti Abbaa-gadaa Tuulamaa fi dura-taa’aa abboota Gadaa Oromoo – Bayyaanaa Sanbatuu fi Qeerroo irraa immoo dargaggoo Lammii Beenyaa haasofsiisnee jirra.