Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Saba Waaghimiraatti Namoonni Kuma Dhibba Lamaa ol Gargaarsa Midhaan Nyaataa Hatattamaa Akka Barbaadan Mootummaan Beeksise


Naannoo Amaaraa, Itoophiyaa
Naannoo Amaaraa, Itoophiyaa

Naannoo Amhaaraa Godina saba Waaghimiraatti waqtii gannaa darbe kanatti aanaalee Sadii keessatti sababa rooba cimaa roobeen namoonni du’uu , horii fi midhaan maasaa irratti faca’ee ture lolaan fudhatamuu hordofee qonnaan bultoonni rakkoof saaxilamuu dhaabbileen mit-mootummaa fi Godinichatti waajjirri Ittisa balaa fi wabii midhaan nyaataa beeksisaniiru.

Hoogganaan waajjira ittisa balaa fi wabii midhaan nyaataa Godina waaghimiraa Obbo Mihirat Melaak sagalee Ameerikaatti akka himanitti balaa lolaa ganna darbe kana aanaalee Bedehinaa, Ziquwaalaa fi Tsagibish keessatti uumamee tureen sigiga lafaa dabalatee rooba cabbii makateen namoonni du’uu dabalatee midhaan maasaa irratti faca’ee turellee fudhachuu ibsaniiru. Balaa dhaqqabe kana gidduu galeessa godhachuunis dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa 14 qorannoo gaggeessaniin lafti heektaarri kum 49 kan midhaan irra faca’ee ture guutummaa gutuutti fudhatameera. Kanaanis gargaarsi akka isaan barbaachisu mirkaneessaniiru jedhan.

Itti dabaluunis akkuma balaan kun dhaqqabeen mootummaan naannichaa midhaan nyataa Kuntaala Kuma lamaafi saddetama kan erge daandii irratti saamameera jedhaniiru. Anaa Dehinaa keessatti qofaa lafti qonnaa Heektarri Kuma kudha ja’a lolaan fudhatamuu itti gaafatamaan waajjira qonnaa Obbo Zennebee Maammoo namoonni Kuma 107 ol hagabuu akka taa’aan isaan taasiseera jedheera.

Namoonni jiraataa Godinicha ta’an kan sagaleen Ameerikaa dubbiseeru ijoolleen isaanii beelaaf saaxilaamuu himuun kaan isaaniimmoo hojii humnaa hojjechuuf gara naannoolee ollaatti baqachuu isanii ibsaniiru. Dhimma kanarratti yaada Komishinii Ittisa balaa fi wabii nyaataa naannoo Amhaaraa irraa argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jechuun Baahirdaar Irraa Asteer Migaanawuutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG