Xurree ittiin seenan

 
Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise
Breaking News

Waajirri Dilaalaa fi Galiiwwanii Finfinnee Namoota Idaan Gibiraa Irra Jira Jedhe  62  Biyyaa Akka Hin Baane Ugguruu Isaa Beeksise


Magaalaa Finfinnee
Magaalaa Finfinnee

Biiroon Galii bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaffaltoota gibiraa kanneen baay’inni isaanii 62 ta’an idaa gibiraa birrii biiliyoona 3.2 tu irra jira jedhe ajaja dhorkii biyyaa akka hin baanee taasiisu irratti baasuu ibse.Daariketti Koomunikeenishii biirichaa Obbo Sewunnet Ayyelee Sagalee Ameerikaatti akka himanitti biirichi ajaja dhorkii imala biyya alaa irratti baasuun cinaattis tarkaanfii bulchiinsa fudhachaa jiraachuus himaniiru.

Ogeessi seeraa tokko dhimma kanarratti yaada kan nuuf kennan biirichi dhorkii akkasii kaa’uuf aangoon labsiidhaan kennameefii jiraachuu himanii garuu kan akkas gochuu danda’u yoommu kaffaltoonni gibiraa kunneen biyyarraa ba’uu isaaniif sababa ga’aa qabaatudha jedhan.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kaffaltoota gibiraa Kuma 450 olitu jiru kan jedhan Obbo Sweunnet baay’een isaanii gibira kaffaluutiin dirqama isaanii kan ba’atan yommuu ta’an faallaa kanaas kanneen Gibira hin kaffalle akka jiran ibsanii biiroon isaaniihordoffii ji’oota ja’an darbanitti taasiiseen Idaa Gibiraa birria biiliyoona 6.2 ol sassabeera jedhaniiru jechuun Finfinnee irraa Gebire Mikaa’eel Gebire Medihiinitu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG