Dorgommii ispoortii gugurdoon Afrikaan bara 2017 itti qophaahuutti jirtu keessaa tokko;Waldorgommii Kubbaa Miilaa Waancaa Afrikaa (AFCON 2017 ykn CAN 2017) jedhan.Dorgommiin tun 31essoo Amajjii 2017 jalqabdii Gaabonitti taphata.Gaabon Liibyaa waraaii dhukeesse irraa fudhatte dorgommii qopheessuu tana.
Taphii biyyoota dorgommii tanaa dabran filataniin ammoo itti jiranii ammoo qaata jalqabanii Hagayya 12,2015 Fulbaan 2016 taphatan.
Biyya 52 garee 13 wal qoodee marroo marroon taphata.Haga ammaa maroo 77 taphatanii goolii 100 caalatti gale.
Chaad horii dhabdee dorgommi Waancaa Afrikaa 2017 keessaa baate. Chaad garee isii “G” keessaa eegee jirtii qabxii womaallee hin qabdu.
Federeshiiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ammoo biyya tana $20,000 adabee dorgommii bara dhufullee keessaa hambise.
Itoophiyaan garee “H” keessa jirtii qabxii 4 qabdii sadeessoo jirti.Garee tana keessa Aljeeriyaa, Siishelsi, Leseetoo fi Itoophiyaatti jira.Aljeeriyaatti qabxi hedduun dura jira.
Giinii Bisawulleen Keenyaa biyyuma isii Naayroobiitti 1-0 mootee dorgommii Waancaa Afrikaa bara 2017tii dabruuf karaa itti cufte.
Siishelsilleen waan durii guddoo hin beekamneen guyyaa dheengaddaa Leseetoo 2-0 moote.Morishiyeesilleen Riwaandaa akka ajaahibaatiin moote.
Dorgommii kalee, Bitootessa, 28, 2016tti:
Mozambiiqii 0-0 Gaanaa
- Keenyaa 0-1 Giinii Bisawu
- Koongoo 1-1 Zaambiyaa
- Botiswaanaa 2-1 Komoros
- Benin 4-1 Suudan Kibbaa
Dorgommii Kubbaa Miilaa Waancaa Addunyaa (World CUP)
Gama kaaniin dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2018, Federeshiiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) qopheessu Raashiyaatti taphatnaiif dabruuf biyya hedduutti dorogmmiitti jira.
Dorogommii tana ardii cufa keessaa biyya filtamanitti walti hafee dorgomaa walumattuu biyya 31 ykn 35 dorgommii tanaa dabra.
Biyya bori,Bitootessa 29,2017 tapahtan keessaa:
- Arjentiinaa fi Boliviyaa
- Kolombiyaa Ekuwaadoor
- Paraguwaay fi Biraazil
Jameeiyikaan ammoo waan bara hedduu keessatti tolchitee hin beenne guyyaa dheenagaddaa USA 2-0 moote.USA dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa marroo 10 dabartee takkuma hin moone.Sadarakaa FIFA irraa USA 30essoo irra jirti.
Dorogmmii Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2018, 21essoo Adoolessa 14,2018-Hagayya15,2015 Raashiyaatti taphatan.
Dorgommiin biyyoota dorgommi tanaa dabaran keessaa filataniin ammoo Bitootessa 22,2015-Onkololeessa 10,2017 taphatan.Haga ammaatti maroo 64 taphatanii goolii 179 gale.
Maraatummaa Bitootessaa(March Madness)
Amerikaatti ammoo ammitii yoo dorgommii manneen barnootaa itti dorgoman.Keessattuu dorgommii kubbaa saaphannaa (basketball) Marcha Madness jedhanitti jiran.
Dorgommii Koollejjii fi yuniversitiin Ameirkaa irratti wal dorgoman tana Wladaa Atileetiksii Koollejjoota Amrikaa NCAA(National College Athletics Association).
Dorgommi tun dorgommii namii Amerikaa akka malee daawwatu keessaa tokko.Dorgommii tana barana garee 68 taphata.Dorgommii tana yoo hedduu garee yuniversitii Kaalifoorniyaa ,Los Angelsii UCLA ti moo’a.
Shaampiyoonaan ganna dabree yuniversiti Duke,ta North Carolina jirtu.