Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-dhibdee Itiyoophiyaa Keessaa Furmuuf Carraan Marii Dippiloomaasiitti Deebi’uu ni Jira, Jedhan Jefrii Feltmaan


Gaanfa Afrikaatiif jila addaa Yunaayitid  Isteetis, Jefrii Feltmaan (Suuraa faayilii)
Gaanfa Afrikaatiif jila addaa Yunaayitid  Isteetis, Jefrii Feltmaan (Suuraa faayilii)

Gaanfa Afrikaatiif jila addaa Yunaayitid Isteetis ka tahan, Jefrii Feltmaan ibsa har’a kennanii fi amma nu qaqqabeen, marii gidduu kana muummicha ministaraa Itiyoophiyaa fi hoogganoota Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay waliin taasisaniin irraa ka’anii lola sanaaf furmaata barbaaduuf gara karaa dippiloomaasiitti deebi’uudhaaf carraan akka jiru dubbatan.

Tahus garuuu, carraaqqiiwwan dippiloomaasii kun haala lafa irraa mul’atun liqimsamuu akka malan yaaddoo qaban himanii jiru.

“Waraanaan furmaatni akka hin jirre ifa tahuu qaba,” jechuun kan itti dabalan, Feltmaan, “Karaan tokkichi furmaata dippiloomaasii ti. Otuu yeroo hin gubiin kara sanatti seenuu barbaachisa,” jedhan.

Gidduu kana muummicha-ministaraa fi hoogganoota ABUT waliin mari’atanii deebi’uu isaanii himanii, gama lamaan irraayyuu wanna barbaadan argachuu isaanii beeksisan – Feltmaan. Kana irratti gabaasaa bal’aa sagantaa keenya borii irratti dhiheessina.

XS
SM
MD
LG