Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-Falmii  Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis


Gaazexeessitoonnii wal falmii deemaa jiru kallattiidhan oggaa hordofan, Peensilveeniyaa, Ful.10, 2024.
Gaazexeessitoonnii wal falmii deemaa jiru kallattiidhan oggaa hordofan, Peensilveeniyaa, Ful.10, 2024.

Wal-falmiin baay’ee eegamaa ture kaadhimamtoota prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis kanneen filannoo gaafa Sadaasa shanii biyyattii keessatti geggeessamuuf qophaawaa jiran gidduutti halkan kana geggeessamee jira.

Eega harka wal-fuudhanii waltajjii qabatanii booda, Kamilaa Haaris imaammata dinagdee prezidaantummaa Doonaald Tiraamp dabree irratti qeeqa cimaa dhiheessuudhaan, “hoji dhabinsa hamaa seenaa biyyattii eega bara ‘Greet Dipreeshin” jedhamuutii as isa jalqabaa dhiisee deeme” jechuun balaaleffatan.

“Lammiileen Ameerikaa prezidaantii barbaachisdummaa walitti fiduu hubatutti baay’ee amanan. Waan adda nu qoodu caalaa waan walitti nu fidu akka qabnu hubadhu" jechuun kan dubbatan, Haaris “Prezidaant lammmiilee Ameeriaa hundaaf dhaabatu tahuuf waadaan seena.” Jedhan, itti fufuudhaan.

Tiraamp ammoo yeroo prezidaantii turan irratti qeeqa dhihaate falmachuudhaan ennaa deebii kennan, ““Ani gatii meeshaalee dabale hin qabu. Gatii dabale hin qabu jechuu nan danda’a. Isaani kan gatii baay’ee ol bahe qabu. Tarii seenee biyyattii keessatti isa ol’aanaa tahe. Sababaan kana jedheef, yeroo hamaa akka yeeroo isaanii argee hin beeku,” jedhan. “Namni gadi bahee midhaan nyaatu, hanqaaquu fi gogoo fooniillee bitachuu hin dandeenye.” Jedhan, itti fufuudhaan.

Kaadhimamtoonni lameen waa’ee godaansaa hyokaan immigireeshinii irrattis wal-falmanii jiran. Tiraamp dantaa siyaasaa ofiif jecha waliigalteen dhimma immigireeshinii paartiilee lameenii akka haqamu gargaaran, jechuun balaaleffatan – Haaris.
“Inni rakkoo furuu caalaa rakkoo irraa fiiguu nama barbaadu,” jedhan – Itti fufuudhaan.

Kan mootummaa yeroo ammaa balaaleffatan Tiraamp, Haaris akka itti-aantuu prezidaantiitti akka godaansi seeraa-alaa gara biyyattii taasisamu akka babal’atu jajjabeessan, jedhan.
“Haala jireenya biyya keenyaa mancaasaa jiran. Namoonni miliyoonaan lakkaawaman akka biyyattii taasisaa jiran. Yakki batiitti ol bahaa jira. Yakka bifa haaraa tu nutti uumamaa jira. Yakka godaantotaa kan jedhamu,” ,” jedhan – itti fufuudhaan.

Waa’een imaammata alaa fi waraansa Gaazaa dhimma ijoo ka biraa kaadhimamtoonni irratti wal-falman ture.

“Waraansichi xumura argachuu qaba,” kan jedhan, Haaris, “Waliigalteen dhukaasa dhaabinsaa tolfamuu qaba. Namoonni iggitamanii jiran gad-lakkisamuu qaban” jedhan.

Tiraamp nageenya biyyaalessaa fi imaammata alaa irratti dadhabaa fi dogoggoraaakka tahanitti balaaleeffatan, Haaris.

Tiraamp ammoo ennaa deebii kennan, otuu isaan prezidaantiidha tahanii waraansi Yukireen gonkuma hin jalqabamu ture. Raashiyaan Yukireenitti hin seentu ture,” jedhan. Itti fufaniis,

“Haaris Isiraa’eliin jibbiti. Yeroo Netaanyaahuun mana-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis irratti haasawa barbaachisaa taasise, Hariis isa wajjiin illee wal hin geenye,” jedhan – Itti fufuun.

Akka maddeen oduu Yunaayitid Isteeits jedhanitti, kaadhimamtoonni lameen wal-falmii Kibxataa kana dura kallattiin walga’anii hin beekan. Tiraamp eega bara 2016 kaadhimamtuu prezidaantummaa ka paartii Dimookiraatii, Hilarii Kilinten waliin eega wal-falmiif dhihaatanii booda, si’a lammataa amma dubartii kaadhimamtuu prezidaantummaa wajjiin wal-falmuu isaati.

Wal-falmii kana caasaa Televiiziyoonaa Yunaayitid Isteetis ABC jedhamu tu keessummeesse.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG