Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaanti Wal Waraansii Itti Fufee Jira:Jiraattoota


Kaartaa Itoophiyaa fi Sudaan magalawwan guddoo wajjin agarsiisu
Kaartaa Itoophiyaa fi Sudaan magalawwan guddoo wajjin agarsiisu

Humnootii mootummaa Fedeeraalaa fi kan Adda Bilisummaa uummata Tigraay giddutti,kallatti adda addaan wal waraansii itti fufuu isaa jiraattonni bulchiinsa nannoo Amaaraa kannen wal waraansatti dhiyoo jiran RSAf ibsanii jiru.

Godiina Gondar Dhiyaa konyaa Matammaa keessa namnii jiraatan akka jedhanti, naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaan ti, har’a ganama wal waraansa jabaatu gaggeeffamaa ture.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) Sudaan keessatti leenjii fudhachuun achii irraa dhukaasa gaggeessaa jechuun, mootummaan Itiyoophiyaa ennaa himatuu kun kan jalqabaa miti.Garu, biyyi ollaa taate sudaan himata kana soba jettee jirti.

Hagayya 30 dabree kana sudaan Ambaasaaddara Itiyoophiyaa biyya ishee keessa jiran Yibelxaal Aimiroo Alenuu waamsisuun, xayyaara sudaan kan Adda Bilisummaa Uummata Tigraayiif meeshaa fe’e ture haleellaa kuffiifne jechuun ibsa ba’e irratti mormii qaban ibsiee turte sudaan.

Ambaasaadarichis xayyaarri sun Sudaan irraa ka’e samii daangaa Itiyoophiyaa cabsee seene jedhan. Ministeerrii dantaa alaa sudaan kan Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa kun jedhan waan hundee qabu miti jedhee ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG