Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Walaayittaa Keessatti Sababaa Sigiga Lafaatiin Namoonni Du'an 11 Akka Tahan Aangawoonni Beeksisan 


Godina Gofaa bakka sigigni lafaa itti ta'ee jiraattonni reefa namoota baasuuf yeroo yaalan, Adoolessa 29, 2024.
Godina Gofaa bakka sigigni lafaa itti ta'ee jiraattonni reefa namoota baasuuf yeroo yaalan, Adoolessa 29, 2024.

Bulchiinsa naannoo kibbaa Itiyoophiyaa godina Walaayittaa bakka balaa sigiga lafaa giduu kana itti muudate keesaaa maatiwwan 53 baraaramanii bakka biraatti geesaamuu isaanii haanga’onni ibsaniiru. Godina Walaayittaa aanaa Kooyoshaa, ganda Xaapoo keessatti Adooleesaa 27 fi Adoolesaa 29 bara 2016 balaa qaqqabee kanaan namoottan du’uu 11 keessaa reenfii namoottan Shanii argamee kan namoottan Jahaa immoo barbaadamaa akka jiru itti gaafatamaan ittisa soda balaa godina Walaayitaa obbo Daawiit Desaaleny sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Aanaa Kindoo Kooshaa ganda maanaraa keessatti nama du’e tokko dabalatee godina Walaayittaa keessa aanaalee jiran Lama keessatti guyoottan muraasa keessatti namoottan 12 balaa sigiga lafaa Kannan du’uu isaanii kan ibsan haanga’onni, godinaa walaayittaa keesaa bakkaawwan balaa sigiga lafaatiif saaxilamoo ta’an Torba addaan baafamanii, sochiin of eegganaa taasifamaa jiraachuu isaa fi namoottan jireenya isaanii irraa buqa’aniif gargaarsii taasifamaa jiraachuu isaa beeksisaniiru.

Kibbaa Ityoophiyaa keesaa godinalee Goofaa, Kafaa , Shakkaa fi kutaa Sidaamaa keessatti balaa sigiga lafaa muudateen namoottan dhibbaan lakkaawaman du’uu isaanii gabaasinni Yootaan Zebdiyoos Hawaasaa irraa erge beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG