Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldorgommii Waancaa Kubbaa Harkaa fi Miilaa Amerikaa NFL, kilabii Kansaas Sitii Chiefs fi Saanfiraansiskoo 49ers waancaaf walti hafe

San Francisco 49ers running back Raheem Mostert, right, celebrates his touchdown with quarterback Jimmy Garoppolo during the second half of the NFL NFC Championship football game against the Green Bay Packers Sunday, Jan. 19, 2020, in Santa Clara, Calif.

NFL National Football league wal dorogmmii kilaboota kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaati,kilabii NFL 32 tahanitti AFC fi NFC jedhanii Amerikaa fulaa lamatti qoodanii gama gamaa waliin taphatan. Abbaan achi keessaa dabsatee bahe waancaa Super bowl jedhaniif walti hafa.

Akka kanaan AFC keessaa kilabiin Kansas City Chief Tennesse Titans 35 fi 24 moote waancaa Super Bowl jedhaniif San Francisco 49ers walti hafan. 49ers garee Green Bay Packers, Wisconsin 37 fi 20 moote bira dabarte.

Super bowl kana nama miliyoona hedduutti daawata.Beesisii sekondii 30 tapha Super bowl irratti himatan doolara miliyoona hedduu itti baasan.Superbowl baranaa Gurrandhalaa 2,bara 2020 Mayaamii Filaariidaatti taphatan.

Sanfiraansiskoon asiin duratti marroo shan superbowl moote; 1995, 1990, 1989, 1985, 1982 Chiefs ammoo bara 1970 qofa Super bowl moote.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG