Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgaahii Mootumootaa Gamtoomanii 76ffaa irratii hoggantoonii biyyootaa haasaa gochaa jiru


Waa’een Talaallii dhibee Kooviid 19 ijoo dubbii ta’ee kan irratii maryatamaa jiru wal gahii dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti prezidaantiin Afrikaa kibbaa Syiriil Ramafooza, prezidaantiin Chaad Mahamat Idris deebii fi prezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii haasaan isaan taasisan dhihaachaa jira.

Akka wirtuun too’annoo fi ittisa dhukubaa Afrikaa jedhetti jeraattota Afrikaa keessa yeroo ammaa kan talaalii fudhatan dhibeentaa 4 qofa.

Adduunyaa irratti talaalliin doozii biiliyoonii 6 kan kennamee yemuu ta’u jiraattotaa Biiliyoonii 1 fi qabxii 2 kan qabduu Afrikaan amma ammaatti kan isheen argatte dhibeentaa 2 duwwaadhaa.

Dhimma kana irratti yaadaa kan kennan Prezidaantiin Afrikaa kibbaa Raamafoozaan ,<< gocha haqaa fi haamilee hin qabneedha>> jedhanii qeeqaniiru.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Bayiidan biyyii isaanii talaallii Kooviid 19 Faayizer jedhamu doozii miiliyoonaa 500 bituu ishee fi gargaarsa biiyyottan birootiif akka kennamu dubbataniiru.

Wal gahii guyyaa haraa irratii prezidaantonnii Iraaqi, kuubaa, El saalvaadoor fi Muummeen Ministeeraa Ixaaliyaa haasaa akka godhan gabasameeraa.

Sababa dhibee koroonaatiin kan ka’ee hoggantoonii biyyootaa harkii caalaan haasaa isaanii kan dhiheessan Vidiyoo dursee warabameen akka ta’e beekameera.

XS
SM
MD
LG