Hoggansii yaa’ii dhimmaa jijjirama qileensaa biyyaa Azarbaajaan magaalaa Baakuu keessatti tasifamaa jiruu, wixinee haaraa Jimaata har’aa dhiheesseen biyoottan diinagdeedhaan guddatan amma bara 2035 ti doolaara biliyoonii lamaa fi biliyoonii 50 wagga waggaadhaan akka kennan gaaffii dhiheesseera.
Akkaataa wixinee kannatti bara 2035 doolaaraa Triliyoonii 1.3 dhaabilee mootummaa fi maddaawwan dhuunfaa irraa argamuu qaba. Biyoottan Awuroopaa bakka bu’uudhaan marii kan irratti kan hirmaatan akka madda oduu Rooyitersitti yemmuu himan, gumaachi ykn kaffaltiin biyyoottani waan haala walqixa ta’ee fi haqa qabeesaa ta’een hin hojjaneef itti gamadaa akka hin taane ibsaniiru.
Maallqaqichii biyoottan diinagdeedhaan hin guddanne warreen miidhaa faalaama qileesaa isaan muudatuu irraa akka dandamatan kan gargaaru aka ta’e ibsameeraa. Mariin Baakuu keessatti taasifamaa jiruu Jimaata har’aa akka xumuramuu kan karoorfatame ta’us, dhimma maallaqichaa irratti falmiin waan taasifamaa jiruuf yeroo karoorfamee irraa akka dheerachuu danda’u gabasameera.
Forum