Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraana Keenya Afgaanistaan Keessaa Baasuu Qabna: Prez. Baaydin


Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin waraana isaanii Afgaanistaan keessaa hanga Fuulbaana 11 guutuummaatti baasuuf akka jiran Robii har’a dubbachuuf jiran

Fulbaannii 11 fullee keenyaa waggaa 20ffaa kan shoroorkeessoonni waaltaa daldala addunyaa isa Neew yoork keessaa fi ministrii ittisaa Amerikaa itti haleelantu yaadatama.

Anga waa gameessi bulchiinsa amma jiruu akka jedhanti haasawaa har’a dhageesisuuf jiran dura, gara fuula duraatti bu’aa Amerikaa eegsisuuf karaan jiru tokkittiin duula waraanaa Afgaanistaan keessatti waggootii 20 lakkoobsisee xumuruu akka ta’e Baaydiin muratanii jiru.Kanaaf jecha soda addunyaa irra jiru isa waggaa 20 duraa otoo hin taanee isa har’a agarsiisuu qabna jedhau Baaydin.

Ministeerri dantaa alaa kan Yunaaytid Isteetes Antonii Bliinken har’a Braasals keessa kan jiran yoo ta’u kunis attamitti waraana Amerikaa Afgaanistaan keessaa baasuuf karoora jiru irratti waltaatoota Neetoo waliin dubbachuuf yoo ta’u Yunaaytid Isteetes hegeree Afghanistaan kan ilaaleen cicha kan qabdu ta’u ibsanii jiru.

Walii wajjiin kaayyoo baafannee fixaan baafnee jirra, amma immo waraana keenya biyyatti deebisuuf yeroon amma jedhan Bliinkeen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG