Sudaan keessatti daa’imman miliyoona 16 ta’an waraana biyyatti keessatti gaggeeffamuun kan ka’e haala suukaneessaa ta’een rakkachaa kan jiran ta’u hogganaan sagantaa daa’immanii kan Tokkummaa Mootummoota (UNICEF) kamiisa kaleessaa ibsanii jiru.
Hedduun isaanii guyyaa guyyaan balaa hokkaraa, beela, dhukkubaa fi humnaan gudeeddiin isaan mudachaa jiru.
“wal waraansii kun balbala isaanii duratti, naannoo mana isaanii, manneen barnootaa fi hospitaala isaanii, akkasumas magaalota fi gandoota Sudaan hedduu keessatti ta’aa jira,” jechuun daayreektarri olaanaa UNICEF Kaatriin Raasals walgahii Mana Maree naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa irratti dubbatan.
Keessattuu daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’e balaadhaaf saaxilamuu kan ibsan yoo ta’u biyyattii keessatti bakkeewwan hongeen itti baay’atu shan keessatti miiliyoona 1.3 ol kan jiraatan ta’u ibsan.
Kanneen biroo miiliyoona 3 immoo sababaa caasaa tajaajiila fayyaa kufaa jiruun dhukkuboota koleeraa Busaa fi Deeng dabalatee dhukkubootaaf saaxilamuu ibsanii yoo xiqqaate dargaggoonni miiliyoona 16.5 ta’an barachaa hin jiran.
Bara darbe kutaalee Sudaan 18 keessaa sagal keessatti dhimmonni gudeeddii daa’imman irratti raawwataman 221 gabaafameera kan jedhan Raasal warra humnaan gudeedaman kana keessaa Harka sadii keessaa lama shamarran harka tokko ammoo dhiira akka ta'an dubbatteetti.
"Kanneen dhimmi isaanii galmaa'ee keessaa 16 daa'imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ture. Afur immoo daa'imman umuriin isaanii waggaa tokko gadi ta'e dha," jedan.
Diinummaan kun akka dhaabbatu yoon gaafadhu dhukkubbii ijoolleen sun dandamatan akka hin miira isaanii keessaa hin haqamnee dubbatan.
Hogganaan dhaabbata Doktoroota daangaan hin uggrre jedhamu, gareeleen isaanii Sudaan keessattis ragaa hokkara saalaa arganii jiru, Bara darbe namoota lubbuun hafan 385 yaaluun isaanii gola naga eegumsaa kanaaf himaniiru.
Forum