Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii federaalaa naannoo Tigraayitti ergame ummata bilisa baasuuf jedha mootummaan Itoophiyaa


Ethiopia Map
Ethiopia Map

Muummeen Ministera Itoophiyaa,Abiy Ahmed eda halkan TV irratti bahee waraanii Iwhat hajaja waraana mootummaa federalaa Kaaba jiru lolee mi’a waraanaallee saamuuf yaale jedhee TV dubbate.

Waraanii naannoo Tigraay akka bulchootii mootummaa federaala jedhanititi gama naannoo Amaaraallee lole.Waraanii Itoophiyaa lola kanaaf deebii kennuuf itti seene jedha.

Akka kanaan mootummaan Itoophiyaallee tarkaanfiin Iwahat irratti fudhatu guyyaa diqqaa keessatti fixaa jedha.

Kun wal dhaba mootummaa naannoo Tigraayii fi moootummaa fedraaltaati miti ummata achi jiru bilisa baasuuf waraanii achitti ergame jedhe jedhan oduu himaan,Itoophiyaa ambaasaadder Redawaan Huseen.

Manii maree Federshiinii itoophiyaalleen tauma irrtti Tigraayitti labsii muddamaa baas

Hajaa kana koree itaamaajoor waraana Itoophiyaati kennan.Gama kaaniin akka pirezidaantiin naannoo Amaaraa Temesgen Xurunee jedhetti mootummaa naannoo isaanii humna itti dhufte cufaa ufi irraa deebisuu dandaha. Waraanaa addaa fi milishoota naannoo Tigraayi irraa naanno Amaaraa dhufuaniiif ammoo wabii taha jedhu.

Daarii naannoo Tigraayii fi naannoo Amaaraa walittiin dhiyaatan, Raayyaatti waraana addaa naannooo lamaanii itti jira.Lolii jiraachuu baatullee muddamsuutti jira ajedha warrii lafaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG