Xurree ittiin seenan

 
Waraanni Paakistaan Haleellaa Baabura Tokkorratti Geggeessame Keessaa Imaltoota 190 Baraaruun Shororkeessota 30 Ajjeese
Breaking News

Waraanni Paakistaan Haleellaa Baabura Tokkorratti Geggeessame Keessaa Imaltoota 190 Baraaruun Shororkeessota 30 Ajjeese


Haleellaa gareen adda baatota BLA jedhaman Balochiistan Paakistaan Keessatti haleellaa baabura imaltootaa irratti raawwate
Haleellaa gareen adda baatota BLA jedhaman Balochiistan Paakistaan Keessatti haleellaa baabura imaltootaa irratti raawwate

Waraanni Paakistaan biyyattii kibba gama dhiyaa kutaa Balochistaan keessatti haleellaa baabura imaltootaa irratti haleellaan erga raawwatee guyyaa tokko booda shororkeessota 30 ajjeesuu isaa fi imaltoota 190 baraaruu madden naga eegumsaa Roobii har’aa beeksisanii jiran.

Baaburri Jafaar Ekspiress jedhamuu fi yoo xiqqaate namoota 450 fe’atee ture ennaa haleellaan dhukaasaa fi boombii isa mudate, Kaaba biyyattii Kuweettaa kutaa Baloochisaann irraa gara Peshwaar, Kiyaabeer Paaktunkawaatti imalaa ture.

Waraanni sa’aatilee 24n darbaniif hojii baraaruu itti fufee ennaa jirutti, baaburri hadiida naannoo Sibbi Balochistaan jiru irratti erga Kibxagta sa’a booaa qabee danqamee jira. Angawoonni tarii soda namoonni du’an yoo ta’e soda saanduqa reeffaa

Roobii har’aa angawoonni buufata baaburaa Kuweetaa irraa saanduqa erganii jiru, sababiin isaas du'i namootaa mudachuu danda'u jedhanii yaaddoo keessa galuu dhaani.

Haleellaa isa jalqabaan kanneen miidhaan irra ga’e shofeerri baaburichaa du’aan boqote. Yoo xiqqqaate namoonni 37 miidhaan irra ga’ee wal’aansaaf hospitaala keessa jiru.

Waraanni bilisummaa Baalaak kan ‘BLA’ jedhamu haleellaa sanaaf battala itti gaafatama fudhate. Ibsa sabaa himaaf kenneen kan ugguramee jiru gareen adda baatota finciltootaa booji’amtoota 200 of harkaa qabaachuu isaaf, kanneen kunis angawoota naga eegumsaa fi basaasaa ti jedhe.

Maddeen nageenyaa waa’ee lakkoobsa booji’amtootaa fi eenyuun akka ta’an ibsa utuu hin kennin Roobii har’aa akka jedhanitti, of wareegdonni bakkawwan sadiitti namoota booji’anii qabataniiru.

Of wareegdonni jaakkeettii dhukaa’uuf gargaaru kan keeyyatan ta’uu madden naga eegumsaa tuqanii, of wareegdonni kun namoota nagaa dahatanii haleellaa raawwatan jedhan.

Gareen ‘BLA’ jedhamu kanneen qabatee jiru namoonni siyaasaa, kanneen achi buuteen dhabamee fi hojjettoota dura dhaabbannaa mana hidhaa Balochistaan keeessa jiran yoo gad dhiisaman malee kanneen booji’e ajjeesuuf dhaadate. Ibsa haleellaan sun erga raawwatamee sa’aatilee booda baaseen gareen kun, angawoonni debii akka kennaniif sa’aatii 48 kenneef. Angawoonni mul’inatti gaafii gare adda baatgotaa kan “BLA”f deebii hin kennine.

Haleellaa baabura imaltootaa irratti raawwatame haleellaa nageenya biyyoolessaa irratti raawwatame kanaaf humna guutuun deebiin kennama jechuu dhaan hoogganaan ministeerotaa Balochistaan Sarfraaz Bugeetii haleellaa sana balaaleffataniiru. Muummichi ministeeraa Shebaaz Shariif akka jedhanitti haleellaan yeroo Ramadaanaa raawwatame kun, shororkeessonni Islaama, Paakistan ykn Balochistaan waliin hidhata akka hin qabaanne mul’isa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG