Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerarri Dhibee  Koleeraa  Naannoo Gaambeellaa Keessatti Lubbuu Namoota Kudha Shanii Galafate


Naannoo Gambeelaatti kan ka'e weearri Koleraa lubbuu galaafate
Naannoo Gambeelaatti kan ka'e weearri Koleraa lubbuu galaafate

Weerara dhukkuuba koleeraa torbee darbee irraa eegalee naannoo Gaambeellaatti mudateen lubbuun namoota 15 darbuu biiroon fayyaa bulchiinsa naannoo sanaa beeksise.

Haa ta'u malee, bakka dhukkubnii kun jalqabata itti argamee itti gaafatamaan kutaa fayyaa godiina Nuer, Obbo Gatbel Girmal akka jedhanitti, hanga ammaatti lakkoofsi namoota goodinai kana keessatti du'an 18 ga'uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira fayyaa bulchiinsa naannoo Gaambeellaa Dr. Abeel Asaffaa guyyaa har'aa sagalee Amerikaaf akka himanitti dhukkubni torbee darbe goodiina Nuer keessaa gabaafame qorannoo laabraatooriitiin dhukkuba koleeraa ta'uun isaa mirkanaa'eera jedhan.

Haga ammaatti hojii adda baasuu gaggeeffameen namoonni 15 du’uu fi 306 kanneen caalan Koleeraan qabamanii jiru jedhan Dr Abeel.

Hogganaan waajiira Fayyaa Godiina Nueer Gatbel Girmaal akka jedhanitti lakkoofsi dhukkubsattoota godiiniicha keessa jiran 270 ol ta’uu ibsaniiru.

Dhukkubni kun godiina sana keessatt kan jiran aanaalee Waltawoo fi Akooboo keessa akka mudate kan eeran Obbo Gaatbal, keessumaa aanaa Akooboo keessa rakkina tajaajila bilbilaa jiru irraa kan ka’e odeeffannoon erga waljijjiiramee guyyoota 3 ta’uu darbuu hubachiisan.

Odeeffannoon haaraan aanaa irraa yoo argame lakkoofsi namoota du’anii fi dhukkubsattoota dabaluu akka danda’u ibsanii faca’inni dhukkubichaa olaanaa dha garu, to’achuuf yaaliin gaggeeffamaa jiru xiqqaa ta’u ibsaniiru jechuun Asteer Misgaanaaw gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG