Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa'ii Dimookiraatotaa Guyyaa 3ffaa; Haasaa Ijoo Tiim Wooltisin


Kaadhimamaa itti aanaa prezidaantii kan Paartii Dimookiraatotaa Tiim Wooltis, Chikaagoo, Hagayya 21, 2024.
Kaadhimamaa itti aanaa prezidaantii kan Paartii Dimookiraatotaa Tiim Wooltis, Chikaagoo, Hagayya 21, 2024.

Bulchaan Minisootaa fi kaadhimamaa itti aanaa prezidaantii kan Paartii Dimookiraatotaa Tiim Wooltis Roobii halkan yeroo yaa’ii biyyoolessaa Dimookiraatotaa Chikaagootti geggeeffame irratti haasaa ijoo dhageessisanitti, kaadhimamuu isaanii simataniiru.

''Itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa ta'uuf na kaadhimuu keessan simachuun anaaf kabajaa dha'' jedhan. Itti dabaluu dhaanis, “Amantaa keessan narra kaa’uu keessaniif galatoomaa,” jechuun Kamilaa Hariis illee itti aanaa prezidaantiif kaadhimamaa ta’ee ishee faana akkan dorgomuuf na filachuu isheetiif nan galateeffadha jedhan.

Bulchiinsi Haariis dilaala akka hir’isu, mana bitachuuf gatii madaalawaa akka taasisuu fi gatii qorichaa akka hir’atu dhaabbilee dawaa akka hordofan illee himaniiru.

''Kamilaa Hairis cimtuu dha, Kamilaa Hairis muuxannoo qabdi, Kamilaa Hariis qoophii dha'' jedhan.

Kan umuriin waggaa 60 Woolts, kanaan dura Minisootaa bakka bu'uu dhaan Kongiresii keessatti hirmaataniiru. Minisoaotaan, lammiilee Itiyoophiyaa fi Somaalee dabalatee gaanfa Afrikaa irraa godaantota hedduu dhaaf bakka jireenyaa ti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG