AMBOO —
Filannoo geggeessuu dura, yaaddooleen nageenyaa Oromiyaa gama Lixaa bakkawwan tokko tokkotti mul’atan furamuu qabu, jechuun jiraattonni VOAn dubbise tokko tokko hubachiisanii jiran.
Naannooleen hafuurri bara filannoo irraa hin mul’annellee akka jiran ka dubbatan jiraattonni kun, mootummaan akka uummata mari’achiisu gaafatanii jiran.
Koomishiin Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa ibsa torban dabre baaseen, naannoo Tigiraay irraa kan hafe bulchiisa naannoo biyyattii mara keessatti filannoon ka geggeessamu tahuu isaa fi nagaan akka xumuramu kan hojjetu tahuu beeksisee ture.