Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hooggantoonni Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Yaa’ii isaanii kan Waggaaf Waashingitanitti Wal Ga’aniiru


FAAYILII - Waajjira Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF), Waashingitan Diisii, Ebla 8, 2019.
FAAYILII - Waajjira Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF), Waashingitan Diisii, Ebla 8, 2019.

Wal ga’iin hooggantoota dhaabbata maallaqa addunyaa “IMF” fi baankii addunyaa yaa’ii isaani wagaaffa Wiixata kaleessaarraa kaasuun Waashingitanitti wal ga’aniiru. Ya’iin hooggantoota Faayinaansii kunis yeroo biyyoota gidduu galeessattii fi Awurooppaa keessatti waraanni jiru, yeroo diingadeen Chaayinaa gadi bau’aa jiruttii fi dorgommiin filannoo Yuunaayitid Isteetisi dhimmoota daldalaa irratti dubbii ijoo ta’ee jiruttidha.

Hooggantoonni dhaabbata maallaqaa addunyaa fi baankii addunyaa yaa’ii isaanii alanaatiin minsitiroota Faayinaansii , hooggantoota baankii fi garee dhaabbolii siiviikii 10,000 ol akka addunyaatti ofitti hawwachuuf karoorfateeras jedhameera.

Yaa’ii hooggantoota IMF fi Baankii Addunyaa ilaalchisuun sagalee Ameerikaa waliin gaafii fi deebii kan taasisaniiraan daarikteerri IMF Kiristalinaa Ji’oorjiyeevaa Kaayyoo guddaan yaa’ii keenyaa bara kanaa inni guddaan sababa cimina imaammataa fi dhaabbilee diinagdee Addunyaatiin yeroo qaala’insi diinagdee jiru kanatti diinagdeen addunyaa kufaatiin osoo hin jiraatiin milkaa’inaan xumuruu keenyadha. Haala qaala’insa jireenyaa amma jiruunis qaala’insa diinagdee addunyaa guddaan fuula duratti akka nu eeggatus marii taasiisuudha jedhaniiru. Qaala’insi jireenyaa gadi bu’ee haa jiraatuyyuu malee daballiin gatii itti fufuun namoota galii gadi anaa qabanii fi biyyoota hiyyeeyyii miidhuu garuu akkuma itti fufetti jiras jedhanii biyyoota guddina gadi aanaa fi liqaa guddaan irra jiruuf sirreeffama caasaa taasisuun isaaniiraa eeggama. Nuti garuu gama keenyaan taasiifneerras jedhan.

Biyyoota Afiriikaa keessatti diinagdee tasgabeessuuf IMF hojii bal’aa hojjeetera kan jedhan Daarikteeriittiin waraansa Sudaan keessaa akka fakkeenyaatti kaasnii goginsoonni ardicha keessatti mudatan fi liqaan biyyootarra baay’achuus eeraniiru.

“ Nuti dandeettii Afiriikaatti baay’ee cimsinee amanna, sababiin isaas Ardiin kun Uummanni isaa harki caalu dargaggoota yommuu ta’u , addunyaan kaan garuu kanneen umuriin isaanii dulloomanidha. Qabeenya uumamanis badhaatuudha.Akkasumas biyyoonni Imaammataa fi dhaabbilee mootummaa isaanii cimsaniiran diinagdee ariitiin guddatu galmeesiisaa jiru. “

Biyyoota Afiriikaa Uffee Sahaaraa gadi jiraniif IMF deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 62 taasiisus daarikteerri IMF kun himaniiru. Yaa’iin hooggantoota IMF fi baankii Addunyaa torbaan kan guutuu as waashingitanitti ni taa’aama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG