Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaliin Misaayilaa Kooriyaan Kaabaa Ittiin Of Himtu Na Shakkisiisa: Kooriyaa Kibbaa


Yaaliin Misaayilaa Kooriyaan Kaabaa Ittiin Of Himtu Na Shakkisiisa: Kooriyaa Kibbaa
Yaaliin Misaayilaa Kooriyaan Kaabaa Ittiin Of Himtu Na Shakkisiisa: Kooriyaa Kibbaa

Dhaabi basaasaa Kooriyaa Kibbaa kooriyaan kaabaa misaayila lafa fagoo furguggisamu yaaliif dhukasuu isaa ilaalchisuun kan of himu irratti shakkii qabaachuu seera tumtoonni Kooriyaa kibbaa beeksisan.

Kooriyaan kaabaa akka jettutti misaayla kana kibxata darbe daangaa ishee kan China cina kan jiru buufata xayyaaraa irraa furguggisuu ishee beeksiste.

Hayyoonni waraana US akka tilmaamanitti misaaylichi km 5,500 furguggifamuu kan danda’u yoo ta’u kutaa US Kaaba gama dhiyaa balaa haleellaa nukleraaf saaxiluu mala jedhan.

Bakka bu’aan mana maree kooriyaa kibbaa Yi Wang-young garuu tuuta ofuuf ibsa kennaniin tajaajilli dhaaba basaasa biyyoolessaa Pyongyang tecknooloogii misaayla ICBM jedhu kanaa oomishuuf dandeettii qabaachuu hin mirkaneessine jedhan. Yi-n itti dabaluu dhaan dhaabi isaanii hojii addaa keellaa yaalii nukleraa kooriyaa kaabaa Punggye-ri keessatti geggeessamu illee hin argine jedhan.

XS
SM
MD
LG