Waxabajjii 16 bara 2010 deggersa muummicha ministeera Abiyiif waltajjii masqalaa irratti hiriira waamame irratti boombii darbu dhaan lubbuu namaa balleessuu fi qabeenyaa mancaasuu dabalatee yakka shororkeessummaan kan himataman namoonni shan murtin balleessaa irratti muramee jira.
Kanneen murtiin badii kun itti murame Geexuu Girmaa, Birnaanuu Jaaar, Xilaahuun Geetaachoo fi Dessaaleny Tesfaayii namoota jedhamani.
Namoonni kun shaman wal ta’uu dhaan yeroo sanatti waltajjii masqalaatti boombii darbuu dhaan lubbuun namoota lamaa akka darbu akkasumas kanneen biroon 163 immoo miidhaan qaamaa akka irra ga’u gochuu dabalatee yakkawwan kanneen biros tarreessuu dhaan abbaan alangaa badii sana adda durummaan dalaguu dhaaf qindeessuu dhaan himatee jira.
Manni murtichaa murtii adabaa kennuuf Onkoloolessa 17 bara 2013 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti beellamee jira.