Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoo Abbaan Iyye Ollaan Birmata !


Obsee Taddsaa Luboo jedhamti,as gara Yunaaytid steets eega dhuftee waggaa 10 ta'eera.

Yunivarsitii minesotaa irraa barnoota Narsummaa fi Saaykooloijiin eebbifamtee Kaaliforniyaa keessa kan jiru Hospitaala “ Memorial Medical Center " jedhamu keessa hojjachuu eega jalqabdee reefuu waggaa sadii fi walakkaa dha.

Maatii ishee ituu ofii hin baratiin ishee barsiee fi Uummata naannoo itti dhalatteef meeshaalee tajaajiila eegumsa fayyaa dhiyessuun gargaaruuf carraaqaa jirti.

Kanaafis jecha meeshaalee wal’ansa fayyaa kan sadarkaa adda addaa gargaarsa gaafattee yeroo lama Hospiitala Najjoo geessitee jirti

Namonni gargaarsa maallaqaanis ishee cina dhaabatan akka jiran kan ibsitee Obseen hanga baatii waxabajji bara 2011tti immo meeshaalee gurguddaa hanga Doolaara kuma 300 baasisan ergitee, sana booda gara barnoota ofii itti fufuutti kan fulleeffachu barbaaddu ta’uu dubbatte.

Waan xiqqoo barataniin saba ofii gargaaruu caalaa waan nama gammachisuu hin jiru kan jettu Obseen Kanneen ishee deggeruu barbaadaniif i-meeliin ishee nejo2009@gmail.com Bilbilli (612) 669-1417 ta’uu ibsitee jirti.

Guutuummaa Gaaffii fi deebii kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG