Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukireen Diroonota 28 fi Misaaheloota Afur Raashiyaa Irraa Itti Dhukaasaman Dhooftee Kuffisuu Beeksiste 


FAAYILII - Lolottoa Yukireen droonii laalaa jiran, eddu gala Donetski, Yukireen, Muddee 25, 2022.
FAAYILII - Lolottoa Yukireen droonii laalaa jiran, eddu gala Donetski, Yukireen, Muddee 25, 2022.

Yukireen haleellaa halkan edaa Raashaan gegeessiteen dirooniiwwan 32 ergaman keessaa 28 akkasumas misaayiloota saddeet furguggifaman keessaa afur dhooftee kuffisuu ishee beeksiste.

Bulchaaan naannoo Odeessaa, Oleeh Kipper ergaa Telegiraamii irratti erganiin akka jedhanitti misaayilli tkko naannoo sana rukutuu isaaf ibiddi ka’uu akkasumas caccabaan jirus konkolaattota lamaa irraan miidhaa geessisuu dubbatan.

Kiiyivif keessaa immoo bulchaa naannoo kan ta’an Rusiyaan Kravcheenkoo , haleellaan diroonii manneen jireenyaa irraan miidhaa kan hin geessisne ta’uu ibsanii haleellaa Raashaan Yukireen Kaaba gama dhiyaa keessatti dhaqqabsiiste Roobii har’aa ganama keellaa xayyaaronni keessa jiran haleeluu ibsaniiru.

Qiyyaafati Raashyaa biilsaalee mana jireenyaa, manneen daabboo fi staadiyeemii irratti ture. kun jireenya guyyuu kan lammiiwwanii ti jedhan prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii ibsa kennaniin. Zeleniskiin biilsaalee miidhaan irra ga’e kan gamoon hedduun manca’ee fi foddaawwan irraa harca’anii fi caccabaa jiru agasiisu mull’isaniiru.

Haleellaan sun kan raawwatame ennaa Zeleniskiin Yunaayitid Isteetis keessa jiranitti. Kanas gumii walii galaa kanTokkummaa Mootummootaa irratti kibxata kaleessaa sa’a booda ibsa kennaniin beeksisaniiru. Gumii sana irratti waa’ee tattaaffii nageenyaa fi hegeree irratti mariin hedduun geggeessamaa jira. garuu shororkeessummaa dhaabuu qabna. Nageenya qabaachuuf. Hegeree qabaachuuf jedhan Zeleniskiin.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG