Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Doolaraa Miiliyoonii 100 Yukireeniif Kennuu Beeksiste  


FAAYILII - Daa'ima alaabaa Yukireen qabatee hiriira weerara Raashiyaa balaaleffachuuf Waayit Hawus funduratti godhame irratti hirmaate, Guraandhala 24, 2022
FAAYILII - Daa'ima alaabaa Yukireen qabatee hiriira weerara Raashiyaa balaaleffachuuf Waayit Hawus funduratti godhame irratti hirmaate, Guraandhala 24, 2022

Ministiroonni dhimmaa alaa biyoottan Miseensota NATO walgahii guyyaa lamaa taasisuuf yemuu Braasels keessatti wal arguuf jiranitti Yunaayitid Isteets gargaarsaa waraanaa Doolaaraa miiliyoonii 100 ta’u Yukireeniif kennu ishee beeksifteetti.

Walgahii NATO kana irratti hirmaachuudhaaf kan Beeljiyeemiin deeman Minsteerrii dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Blinken Roobii har’aa minstira dhimma alaa Beeljiyeem Soofii Wiilmes waliin bubachuun isaanii gabaasameeraa.

Antonii Biliinken, diplomaatotaa ol aanoo Austiraaliyaa, Fraans, Jarman, Itaali fi Yunaayitid Kiingdam waliin marii taasisaniiru.

Antonii Biliinken gara Braaselsitti imaluu isaaniitin dura , ibsa kenanin umnoonnii Raashaa bakka Buuchaa jedhamuti dhumiinsii raawwatan waan adduunyaa mara naasiseedha jedhanii loltoonii Yukreen bilisumaadhaa fi ulfinaa daangaa biyyaa isaanitiif falmiin gochaa jiran akka degeramuu qabu himun isaanii gabaasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG